Qaaccessa Afoolli Oromoo kitaaba barataa Kutaa 9ffaa fi 10ffaa keessa jiru Dandeettiiwwan Dubbisuu fi Barreessuu Barsiisuu Keessatti Qabu
Description
Axareeraa
Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon faayidaa afoolli kitaabbilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa fi 10ffaa keessatti argaman dandeettii dubbisuufi barreessuu ittiin barsiisuuf qabu xiinxalluu irratti xiyyeeffate. Kaayyoowwan qorannoo kanaa keessaa inni tokko faayidaa afoolli dandeettii dubbisuufi barreessuu gabbisuuf qabu xiinxalluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo hammamtaa fi akkamtaatti fayyadamee jira. Haaluma kanaan hojiin qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaafi jechootatti gargaaramuun kan raawwatameedha. Kanuma bu’uura taasifachuun odeeffannoo qabatamaafi amansiisaa ta’e tooftaa odeeffannoo funaanuu mata duree qorannoo waliin walsimu kanneen akka qaaccessa sakatta’a qabiyyee kitaabaa, bargaafii, afgaaffiifi daawwannaa daree gargaaramuun ragaaleen qorannichaa sassaabamaniiru. Odeeffannoon sassaabames akkataa walitti dhiyeenya isaaniitiin qoqooduudhaan qaacceffamanii jiru. Bifuma walfakkaatuun qorannoon faffaca’iinsa afoolaa boqonnaalee kitaabbileekutaa 9ffaa fi 10ffaa keessatti dandeettii dubbisuufi barreessuu gabbisuuf qabu sakatta’amee jira. Dabalataanis, bu’aaleen qorannichaan argaman akka mul’isanitti afoolli kitaabbilee kanniin keessatti dhiyaate dandeettii dubbisuufi barreessuu barattootaa guddisuu, galmaan gahuuf bu’aan isaa olaanaa ta’uyyuu, akka kitaabichi ajajutti hojiirra oolmaan afoola kanneenii laafinna qabaachuutu
mul’ata. Kunis, faca’iinsi gosoota afoolaa gara garaa dandeettii dubbisuu fi barreessuu dagaagsuuf barbaadame gosoota akaakuu gara garaa qabu akkaataa hammateen kitaabilee keessa seenuu dhabuu, hanqina waytii barnootaaf ramadameefi xiyyeeffannoo kennuu dhabuu barattootaa rakkoowwan mul’ataniidha. Rakkoolee kanneeniif immoo, waytii barnootaa cinatti barattooni akka afoolatti gargaaramuun dandeettii dubbisuufi barreessuu akka shaakalan, akkasumas barsiisotaafi barattoota birattis itti fayyadama afoolaa dandeettii dubbisuu fi barreessuu dagaagsu gama hundaanuu xiyyeeffannoo argachuu akka qabuu eeramee jira. Dhumarrattis, akkuma kitaabni barnootaa ajajutti afoola daree barnootaa keessatti hojiirra oolchuun afoola gara garaa kitaaba barataa keessa jiran akka dubbisan gochuun, isa irratti hundaahuun afoola walfakkaataa birroo akka barreessuu shaakalan gochuun kaayyoo dandeettii dubbisuufi barreessuu galmaan gahuuf bu’aa guddaa afoolli qabu ta’uusaa yaboo qorannoo kanaa jalatti eerameera 1
Files
Abdella Mohammed.pdf
Files
(560.5 kB)
| Name | Size | Download all |
|---|---|---|
|
md5:56887f5b7b13da77603661e0596912ed
|
560.5 kB | Preview Download |