FAAYIDAA DURDURIIN DANDEETTII AFAAN DAA'IMMANII GUDDISUUF QABU, GODINA ARSII LIXAA AANAA NAGEELLEE ARSII
Description
Axeereraa
Qorannoon kun faayidaa durduriin dandeettii afaan daa’immanii guddisuuf qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Odeeffannoowwan af gaaffii fi bar gaaffii odeef kennitoota irraa funaannaman wal duraa duubaan akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin karaa al lakkoofsawaa ta’een, jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. kunis, mala qorannoo qulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Faayidaa durduriin dandeettii Afaan daa’immanii guddisuuf qabu hedduu ta’u isaa qorannoo kanaanbira gahamee jira. kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaa durduriin maatii keessatti maqaalee wantoota garagaraa, lakkofsa, haala falmii, safuu fi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif hedduu gargaaru isaa maan guddootaa fi dargaggoota odeeffannoo laatan durdurii bu’ureeffachoon addeessanii jiru. Kana malees durduriin mana barumsaa keessatti; dandeettiiwwan afaanii, keessattuu dubbachuu fi dhaggeeffachuu daraan akka cimsatan taasisu, dandeettii jechootaa hiikaa fi faallaa isaanii waliinfi beekumsa gama caasluugaan qaban dabaluu isaa; akkasumas, durduriin sammuu ijoollee kallattii gara garaan qaruu, dandeettii waa yaadachuu daa’immanii cimsuu keessati yaada haara akka isaan burqisiisaan taasisuun isaa, odeeffanoowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman raga ba’anii jiru. Bifuma wal fakkaatuun, raawwii durduriin ittiin taphatamu eeganii, durdurii taphachuun, daa’imman obsa barsiisuun cinatti wantoota adeemsa sana keessatti rawwatamu sana xiiqeeffachuun beekamsa gama kanaan ta’ee gama durduriitiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashanansiisuun, dhiphinaafi nuffi tokko malee ijoollee beekumsa garagaraa gonfachiisuu, tapha durdurii keessatti xiiqii walitti qabachuun, beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif, gargaaruu isaa manguddootaa fi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu’ureeffachuun ibsanii jiru kun otoo ta’ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni durduritti fayyadamuu dhiisaa jira. kanaafis wanti akka sababatti odeef kennitoota irraa argame, sababa aanaan Nageellee Arsii magaalaa taateefi wantoota bu’aa teeknolojii ta’aniin bakka bu’aa dhufuu isaa himu. Kunis, daa’imman yeroo isaanii durduriirratti dabarsuu manna filmiiilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo dhggeeffachuu televizinii ilaaluu fi darbee darbee feesbuukii fayyadamuuf iddoo akka laatan dubbatu. Haa ta’u malee, wantoota bu’aa teeknoloojii ta’an kanaaf bu’uurri afoola jaarraa hedduu lakkoofsiise kana ta’uun beekama dha. Kanaafuu, bu’aawwan teeknooloojii kanaan deegarame yoo dhimma itti ba’ame immoo, bu’aan isaa kana caalaa safaramuu danda’a waan ta’eef, dhimmicha hubannoo keessa galchuunitti fayyadamuun fala ta’a. dhumarrattis, dameen afoolaa kun kallattii gara garaatiin faayidaa hedduu buusuu osoo danda’uu irraanfatamaa dhufuun, akka hin badneef qaama dhmmi ilaalu; hawaasni, barsiisoni, barattoonni, waajjiira
Aadaa fi Turizimii hundu gahee isaan irraa eegamu bahuun afoola jaalatamaafi bashannansiisaa kana kunuunsuun bu’aa buusuu qabu akka buusu osoo godhanii gaarii ta’a. 1
Files
Abdallaa Galatoo.pdf
Files
(632.8 kB)
| Name | Size | Download all |
|---|---|---|
|
md5:42a8e3a1080503b072bd91fddc055552
|
632.8 kB | Preview Download |