Published September 2, 2026 | Version v1

QAACCEESSSA GAHEE DUBARTOONNI SIRNA GADAAOROMOO SIKKOO KEESSATTI QABAN: GODINA BAALEE BAHAA AANAA GINDHIIR IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Authors/Creators

  • 1. MWU

Contributors

  • 1. mwu

Description

Axeeraraa

Qorannoon kun mata duree ‘Qaacceesssa Gahee Dubartoonni Sirna Gadaa Oromoo Sikkoo Keessatti Qaban: Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhiir Irratti Kan Xiyyeeffate’ jedhu irratti   qoratame. Ka‘umsi qorannoo kanaa sirnoota Sirna Gadaa Oromoo Sikkoo adda addaa irratti dubartoonni yeroo hirmaatan gahee fi aangoon isaan achi keessatti qaban ifatti ibsamuu dhabuu fi barreessitoonni tokko tokkoo hirmaannaan fi gahee dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan jalaa dhokatuuf maal akka ta’ee adda baafachuuf gahee  isaanii ragaa irratti hundaa’ee qacceessuuf fokiloorii duudham xiyyeeffachuun qoratame. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas, gahee dubartoonni sirna Gadaa Oromoo Sikkoo   keessatti qaban qaacceessuudha. Kaayyoo qorannichaa bu`uura godhachuun, sirni duudhaa kun eenyu akka keessatti hirmaatu, gahee dubartoonni sirnicha keessatti qaban irratti hawaasni ilaalcha akkamii akka qabu, dubartoonni hojiilee akkamii irratti akka hirmaatan, gaheen dubartoonni sirnicha keessatti gama bulchiinsaa (siyaasaa), hawaasummaa fi diinagdeetiin qaban maal akka ta’ee fi maal akka fakkaatu deebisuuf kan qoratameedha.  Qorannoon  kun gosa qorannoo qulqullinaa keessaa qorannoo aadaa hawaasaa ta’ee mala ibsaa fayyadame. Maddi ragaa fayyadame  tokkoffaa fi lammaffaadha. Iddatteessuu qorataan gargaarame miti carraa keessaa iddatteessuu ta’eessaa yookan kaayyeffataa fi darbaa dabarsaatiin ta’ee, namoota dhimma qoratamerratti  hubannoo qaban 9 irraa  meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareen ragaan kan funnannamee fi madda ragaa lammaffaa irraa sakatta’a  dookmeentiiti kan fayyadameedha. Odeeffannoo afgaaffii, marii garee, daawwannan fi sakkata’a dokoomeentiin  argame tartiiba isaanii eegachuun wal keessa nyaachifamuun qaacceffame. Ragaan argame kuniis erga xiinxalamee qaacceffamee argannoon isaa: Sirna Gadaa Oromoo Sikkoo keessatti uummanni Oromoo hundi osoo saalaa fi umriin hin daangeeffamin akka hirmaatan, gahee dubartoonni sirna gadaa Oromoo Sikkoo keessatti qaban irratti ilaalchi uummanni Oromoo dubartootaaf qabu ol aanaa akka ta’e, dubartoonni yoo hin jiraanne sirni gadaa akka hin jirre, dubartoonni sirna gadaa keessatti yoo hin hirmaatiin gadaanuu akka hin geggeeffamne, gadaanuu akka hin qajeellee fi dubartoonni waayyuu( ulfoo) akka ta’an, raawwii sirna gadaa sikkoo keessatti hojiilee hedduu irratti akka hirmaatanii fi gama bulchiinsa, hawaasummaa fi diinagdee keessatti gahee murteessoo akka qaban hubatameera.

                                                                 

Files

Files (3.2 MB)

Name Size Download all
md5:f5fee3b7bbdf614bcbe6ba27efae69f6
3.2 MB Download