Published September 19, 2025 | Version 01

SAKATTA'A RAAWWII DANDEETTIWWAN BARREESSUU AFAAN OROMOO BARATTOONNI MANA BARUMSA BISHAAN GURRAACHAA KUTAA 9FFAA QABAN

Authors/Creators

Description

AXEERARA Xiyyeeffannaan qorannoo kanaa inni guddaan Sakatta’a raawwii dandeettiiwwan barreessuu barattoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti qaban qaaccessuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf,qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makoo gargaaramee fayyadamuun kan gaggeeffame Kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa ofkeessatti kan qabateedha. Qorannoo kana qorataan wayta gaggeesu akaakuu iddatteessuu al carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffame barsiisotaaf akkasumas,iddatteessuu carraa keessaa akaakuu iddatteessu carraa tasaa barattootaaf fayyadamuun raawwatame. Ragaan barsiisota sadii (3), barattoota jahatama (60) fi dura bu’oota lamaa (2) irraa walitti qabameen xiinxalamee jira. Ragaaleen meeshaalee odeeffannoo funaanuuf gargaaran keessaa bargaafilee banaafi bargaafilee cufaa, Ragaan bargaafilee cufaan waltti qabame mala qorannoo ammamtaan kan xiinxalame yoo ta'u, kunis dhibbeentaafi irra-deddeebii fayyadamuun ibsameera. Ragaan gaafilee banaa mala akkamtaatti fayyadamuun kan xiinxalamee yoo ta'u, yaada deebiistootaa wabeeffachuun ibsameera. Kana malees, ragaan sakatta'insa dookmantiin walitti qabame akkamtaatti fayyadamuun xiinxalamee jira. Bu'aan qorannichaa akka agarsiisuttti, rakkoolee raawwii dandeettiiwwan barreessuu bifa tokkoon kan gaggeeffamuu miti Sadarkaalee dandeettiiwwan barreessuu tokkoon tokkoon isaanii irratti haala walitti fufaa ta'een madaalliin hingaggeeffamu. Kana malees, barsiisotniifi barattootni rakkoolee dandeettiiwwan barreessuu irratti qaban furuudhaaf xiyyeeffatanii kan irratti hin hojjanne ta’uusaat. Rakkoolee dandeettii barreessuu kana furuun hojirra oolchuuf rakkoowwan jiran keessa ammo hanqinni yeroo, waytiin barsiisotatti baay'achuu, barsiisotni barattoota haalaan hordofuun dandeettiiwwan barreessuu gama hundaan akka shaakalan too’achuun akka hojiirra olchan taasisuuf, fedhii dhabuu, qajeelfamni kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa haala ifa ta’een qophaa’ee barattoonni dandeettii barreessuu irratti xiyyeeffannoon akka shaakalan ta’uu dhabuu isaan kanneeen ijoo ta'aniidha. Dhuma irrattis, argannoowwan irratti hunda'uun haala shaakalli rakkoolee dandeettii barreessuu Afaan Oromootiin akka hojiirra ooluu danda'u mijeessuuf yaboon qorataan kennamee jira.

Files

ABDALLAA KADIIR.pdf

Files (758.0 kB)

Name Size Download all
md5:7af8c5bd8122a11c69915ae8b5d64b8c
758.0 kB Preview Download