Published September 11, 2013 | Version v1

RAKKOO BARATTOONNI AFAAN AMAARAATIIN AFAAN HIIKKATAN YEROO AFAAN OROMOO DUBBISAN ISAAN MUDATU XIINXALUU (XIYYEEFFANNOO GODINA BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE MANA BARUMSA SADARKAA LAMMAFFAA JIBRII

Authors/Creators

  • 1. MADDA WALABU UNIVERSITY

Contributors

  • 1. MADDA WALABU UNIVERSITY

Description

Kaayyoon qorannichaa inni guddaan rakkoo barattoonni Afaan Amaaraatiin afaan hiikkatan yeroo Afaan Oromoo dubbisan isaan mudatu xiinxaluudha..Kana keessatti, odeeffannoon barbaachisaa ta'e barattoota kutaa 9ffaa, barsiisota Afaan Oromoo mana baruumsichaafi barruulee adda addaa irraa funaaname jira. Kaayyooo qorannichaa galmaan ga’uuf, odeeffannoo kallattii garagaraarraa argaman gosa qorannoo makaatti dhimma ba’uun qaacceffamanii boqonnaa 4ffaa keessatti addabahanii jiru.Odeeffannoon kunniinis kan walitti qabaman malleen gara garaatin yoo ta'u isaanis malleen dawwannaa, bar-gaaffii fi af-gaaffiti. Ragaa qaacceffame irraa wanti hubatame, barattoonni Afaan Oromoo akka afaan lammataatti baratan yeroo Afaan Oromootin dubbisan rakkoowwan isaan muudatan keessaa sagaleewwan dheeraa, gabaabaa, jabaa fi laafaa adda baafachuu, akkasumas qubeewwan dachaa sirriitti jechuu fi adda baasanii beekuu dadhabuudha. Dabalataanis, ragaa qaacceffamerraa akka hubachuun danda'ametti rakkoowwan eeraman kanniinif sababoonni gara garaa jiraachun addabahee jira. Sababoota kanniin keessaa barattoonni rakkoo dubbisuu isaan muudatuuf ofuma isaaniitiif ka’umsa rakkoo ta’uun isaanii addabahani jiru. Barattoonni yeroo sagantaa Afaan Oromoo daree keessatti argamuu dhabuu, ofitti amanamummaa dhabuu, yeroo dubbisan ni dogoggorra jedhanii sodaachuu fi fedhii Afaan Oromootin dubbisuu dhabuun rakkoo dandeettii dubbisuutiif sababa ta’u. Kana malees, rakkoo ka'e kanaaf akka sababatti kan hubatame dhiibbaa afaan dhalootaa ta'uun isaa addabahee jira.. Argannoowwan kaniinirratti hunda'uun yaadni furmaataa addabahee jira. Barsiisonni barnoota Afaan Oromoo barsiisan yeroo barnoota dubbisaa rakkoowwan isaan mudatuuf adda baasuu fi sirreeffama kennuun barattoota jajjabeessuu qabu. Barattoonni dandeettii dubbisuu akka gabbifataniif barsiisonnii fi maatiin barattootaa hordoffii barbaachisaa ta’e akka godhan gochuun barbaachisaadha. Kana malees, qaamoleen sirna barnoota fi kitaabolee barnoota qopheessan rakkoowwan dandeettii dubbisuu afaan lamaffaa keessatti barattoota mudatu danda'an kaniin xiyyeeffannaa keessa galchuun meeshaalee barnoota kaniin haala barattoonni hundinu ittiin barachuu fi dandeetti afaanii jedhame kana ittiin dagaagfachu danda'anitti qopheessuu qabu. 4
 

Files

Aberash final report.pdf

Files (1.2 MB)

Name Size Download all
md5:534acf9c0e66b7f59a1ae9a8f5f8d0f2
1.2 MB Preview Download