Thesis Open Access

XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII ASOOSAMOOTA "IJJIBAATAAFI" "GARLAMEE QORATAA: BAQQALAA AYYAANAA DHAABBATA QO"ANNOO AFAANIIFI GAAZEXEESSUMMAA TTI MUUMMEEQO"ANNOO AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO

BAQQALAA AYYAANAA


JSON-LD (schema.org) Export

{
  "description": "<p>Qorannoon kun mata duree xiinxala itti fayyadama afaanii Asoosamoota Ijibbaataafi Garmalee jedhu irratti xiyyeeffata. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas ittifayyadama afaani i Asoosama &ldquo;Ijibbaataafi Garmalee xiinxaluu yeroo ta\"u, kaayyoo yaadame kana galmaan ga\"uufis mala qorannoo jiran keessaa qorataan mala akkamtaatti kan gargaarameedha. Sababni malli akkamtaa kun filatameefis gosti qorannoo kanaa qorannoo ibsaa waan ta`eef mala kanaan dhiyaateera. Maddi ka\"umsa qorannichaa hojiilee asoosamaa keessatti iiti fayyadamni afaanii kalaqa asoosamaaf murteessaa ta\"uu hubachuun qorannoowwan gama kanaan qorataman keessattuu kitaabota filataman irratti kan geggeeffaman waan hin jirreef kanneen kitaabilee biroo irratti qoratamanis kitaaba filataman irratti kan hinxiyyeeffatne ta`uu isaa qorataan kan sakatta`eedha. Kanuma irraa ka\"uun qaawwaa gama kanaan jiru guutuuf ittifayyadama afaanii asoosamoota filataman irratti mul\"atu akka waliigalaatti xiinxaluun ka`umsa qorannoo kanaa ijoodha. Qorannoo kana milkeessuufis malleen qorannoo kana keessatti dhimma ittibahaman gosti qorannoo kanaa qorannoo ibsaa waan ta\"eef mala akkamtaa fayyadamuun tooftaa idatteessuu miti carraa keessaa gosa akkayyoon kan geggeeffameedha. Kana galmaan gahuufis, ragaan qorannoo kanaaf barbaachisu hundi meeshaalee funaansa ragaalee keessaa sakkatta\"a dookimentiitti gargaaramuun ragaa kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahan hunda walitti qabuun kan xiinxalamaniidha. Qorannoo kana keessatti qorataan xiinxalli geggeeffame saayinsii qorannoon akka deggeramuuf ragaan kitaabilee kanneen keessaa sakatta`aman yaada hayyootaan cimsuufi qorannoowwan walfakkii kanaan dura geggeeffaman sakatta`uun xiinxala isaa kan jabeesseedha. Ragaan funaanaman hundi bilchinaan erga xiinxalamanii booda gaaffilee qorannoo irratti hundaa\"uun ittifayyadama afaanii asoosamoota kanneen keessatti argamanii maal akka fakkaatan argannoowwan keessatti dhiyaatanii jiru. Argannoon qorataan adda bahan kunneenis ittifayyadama afaanii gama filannoo jechootaa, malleen dubbiifi jechamootaa ilaalchisee mul\"atu gaarii ta\"uudha. Asoosamoota filataman irratti xiinxala godhameen ittifayyadamni afaanii gama malleen dubbiin jiru irra jireessaan dhimmoota akka siyaasaa karaa birqabaan gadifageenyaafi bal`inaan kan dhiyaate ta\"uufi asoosama Ijjibbaataafi Garlamee lamaan isaa keessatti bifa walfakkaatuun guutummaan gosa malleen dubbii hundatti walqixa fayyadamuu dhabuun kan mul`atuudha. Kana malees, ittifayyadamni afaanii asoosamoota Ijibbaataafi Garlameef keessatti barreessittootni dhimmoota akka siyaasa, hawaasummaafi dinagdee ibsuuf gargaaraman kallattiin kan eeramaniidha. Akka xiinxala qorataa kanaatti garuu, taatee dhimmoota adda addaa ibsuuf tooftaa dhokataa ta\"een dabarsuun miira dubbistootaa harkisuun hawwatamummaafi fudhatamummaa Asoosamoota kanneenii hojii kalaqa uumee sammuu dhala namaa ta`uu isaa kan ibsu fayyadamuun daran hawwataa taasisuu akka danda`u qorataan xiinxala isaan adda baaseera. Dabalaatis, asoosamoota keessatti dhimmoota hawaasaa tokko qofa irratti xiyyeeffachuu itti fayyadama afaanii hunda kallattii adda addaan fayyadamuu dhabuun mul`achuu ibsuun kun immoo asoosamoota yeroo ammaa kana gabaarra olaa jiran sadarkaa barbaadameen hojiin ogbarruu Oromoo bahee akka hin dorgomneef danqaa waan ta`uuf barreessitooni biroon xiinxala qorannoo kanaa galtee godhachuun akka ittifayyadamaniif kan gargaaru ta\"uu argannoo qorannoo kanaan kan mirkanaa\"eedha.</p>", 
  "license": "", 
  "creator": [
    {
      "@type": "Person", 
      "name": "BAQQALAA AYYAANAA"
    }
  ], 
  "headline": "XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII ASOOSAMOOTA  \"IJJIBAATAAFI\" \"GARLAMEE  QORATAA: BAQQALAA AYYAANAA  DHAABBATA QO\"ANNOO AFAANIIFI GAAZEXEESSUMMAA TTI MUUMMEEQO\"ANNOO AFAANIIFI OGBARRUU  OROMOO", 
  "image": "https://zenodo.org/static/img/logos/zenodo-gradient-round.svg", 
  "datePublished": "2026-08-27", 
  "url": "https://nadre.ethernet.edu.et/record/25839", 
  "@context": "https://schema.org/", 
  "identifier": "https://doi.org/10.20372/nadre:25839", 
  "@id": "https://doi.org/10.20372/nadre:25839", 
  "@type": "ScholarlyArticle", 
  "name": "XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII ASOOSAMOOTA  \"IJJIBAATAAFI\" \"GARLAMEE  QORATAA: BAQQALAA AYYAANAA  DHAABBATA QO\"ANNOO AFAANIIFI GAAZEXEESSUMMAA TTI MUUMMEEQO\"ANNOO AFAANIIFI OGBARRUU  OROMOO"
}
0
0
views
downloads
All versions This version
Views 00
Downloads 00
Data volume 0 Bytes0 Bytes
Unique views 00
Unique downloads 00

Share

Cite as