Thesis Open Access

QAACCESSA DHI'AANNAA GILGAALOTA DANDEETTIIWWAN BARREESSUU BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 9 FI 10: HAALA QABATAMA MANA BARUMSAA ODAA BOQATAA SADARKAA LAMMAFFAA

JAMAAL GOOBANAATIIN


JSON-LD (schema.org) Export

{
  "description": "<p>Axareeraa Kaayyoon qorannoo kanaa dhihaannaa gilgaalota dandeettiiwwan barreessuu kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9fi 10 keessatti qaaccessuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga&rsquo;uuf ammoo, mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa( makaatu) hojiirra oole. Iddattoowwan qorannichaa kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 9fi 10 yammuu ta&rsquo;an, mala iddatteessuu miti-carraa keessaa akkayyootiin filataman. Manni barnootaa qorannoon kun irratti xiyyeeffachuun gaggeeffames, mala iddatteessuu miti-carraa keessaa akkayyootiin filataman. Meeshaaleen ragaalee funaanuufi tajaajilarra oolanis sakatta&rsquo;a dookumentiifi afgaaffiidha. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanamanis, mala akkamtaafi ammamtaan qaacceffamaniiru. Bu&rsquo;aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti gilgaalonni dandeettiiwwan barreessuu shaakalsiisan boqonnaalee hunda kitaabilee barnoota iddatteeffaman lameen keessatti ittifufinsaan hinhammatamne yookiin boqonnaan irra darbame jira. Xiyyeeffannoo guddaa isaan kennanis, sirrummaafi yaada ofii ibsuurrattidha. Jechootaafi sirrummaa caaslugaa(seerlugaaf) xiyyeeffannoo gadaanaatu kennameera. Gosoota shaakalliiwwan barreessuu keessaa ammoo barreessuu qajeelfamaatu xiyyeeffannoo argatee jira. Hariiroon qabiyyeefi shaakalliiwwan dandeettiiwwan barreessuu boqonnaaleefi kutaalee gidduu jiru ilaalchisee hanqinatu jira. Guddinniifi dagaaginni qabiyyee dandeettii kanaa boqonnaarraa gara boqonnaattifi kutaatii gara kutaatti hinjiru. Dhumarrattis, gilgaalonni dhihaatan sadarkaafi umurii barataa waliin kan walsimatanidha. Barsiisonnis, dandeettii kanatti xiyyeeffannoo kennuun barattoota shaakalsiisaa hinjiran. Kanaafuu, qopheessitoonni kitaabilee lameen kanaa boqonnaalee hunda keessatti dandeettiiwwan kanneen yoo hammachiisan gaariidha. Akkuma sadarkaan barnootaafi umurii barataa dabalaa deemuun gilgaalonni dhihaatanis haaala walitti fufinsa qabuun dagaagaafi guddachaa deemuu qabu. Gosootni shaakalootaafi gilgaalotaa xiyyeeffannoo walixa tahe argachuun kitaabilee keessatti hammachiifamuu qabu. Barsiisonnis, dandeettiiwwan barreessuutiif xiyyeeffannoo kennuun barattoota shaakalsiisuu qabu.</p>", 
  "license": "http://www.opendefinition.org/licenses/cc-by", 
  "creator": [
    {
      "@type": "Person", 
      "name": "JAMAAL GOOBANAATIIN"
    }
  ], 
  "headline": "QAACCESSA DHI'AANNAA GILGAALOTA  DANDEETTIIWWAN BARREESSUU BARNOOTA  AFAAN OROMOO KUTAA 9 FI 10: HAALA QABATAMA  MANA BARUMSAA ODAA BOQATAA SADARKAA  LAMMAFFAA", 
  "image": "https://zenodo.org/static/img/logos/zenodo-gradient-round.svg", 
  "datePublished": "2025-09-19", 
  "url": "https://nadre.ethernet.edu.et/record/18987", 
  "version": "01", 
  "@context": "https://schema.org/", 
  "identifier": "https://doi.org/10.20372/nadre:18987", 
  "@id": "https://doi.org/10.20372/nadre:18987", 
  "@type": "ScholarlyArticle", 
  "name": "QAACCESSA DHI'AANNAA GILGAALOTA  DANDEETTIIWWAN BARREESSUU BARNOOTA  AFAAN OROMOO KUTAA 9 FI 10: HAALA QABATAMA  MANA BARUMSAA ODAA BOQATAA SADARKAA  LAMMAFFAA"
}
0
0
views
downloads
All versions This version
Views 00
Downloads 00
Data volume 0 Bytes0 Bytes
Unique views 00
Unique downloads 00

Share

Cite as