Thesis Open Access
MITIKKEE WARQUU MANGISTUU
<?xml version='1.0' encoding='utf-8'?> <oai_dc:dc xmlns:dc="http://purl.org/dc/elements/1.1/" xmlns:oai_dc="http://www.openarchives.org/OAI/2.0/oai_dc/" xmlns:xsi="http://www.w3.org/2001/XMLSchema-instance" xsi:schemaLocation="http://www.openarchives.org/OAI/2.0/oai_dc/ http://www.openarchives.org/OAI/2.0/oai_dc.xsd"> <dc:creator>MITIKKEE WARQUU MANGISTUU</dc:creator> <dc:date>2019-09-21</dc:date> <dc:description>Dr. ALAMUU WAGGAARII Qorannoon kun kan gaggeeffame Mata duree xinxala raawwii jaarsummaadhaan waldhabdee hiikuudha. Ka’umsi qorannoo kanaas aanicha keessatti waldhabdeen hammaachaa dhufuu isaati. Kanas kan mirkaneessu bara 2011ALH hanga dhuma kurmaana sadaffaatti himataaleen mana murtii aanaa Leeqaa Dullallachaaf dhiyaatan 434 keessaa 43 gara jaarsummaatti deebi’anii kan hiikaman 15 qofaadha. Kun immoon raawwiin jaarsummaadhaan waldhabdee hiikuun haala irra jiru akka qorattu kaka’umsa qorattuu keessatti uumee jira. Kaayyoon qorannichaas jaarsummaan waldhabdee hiikuu Oromoo Leeqaa Aanaa Leeqaa dullachaa xiinxaluudha. Barbaachisummaan qorannichaasbu’aa sirna jaarsummaatiin hiikuurraa argamu hawaasni naannichaa sirriitti hubatee akka itti fayyadamu gochuudha. Karaa biraatiin ilaalchi hawaasni sirna kanarratti qabu addaan baasee sadarkaa sirnichi irratti argamu madaalee kaa’uudha. Walumaagalatti bu’aan qorannoo kanaa: sirna kana ilaaluun waa’ee aadaa, safuufi duudhaa hawaasa naannoo sanaa beekuun nidanda’ama, sirnichi bifa barreeffamaatiin yoo taa’ee odeeffannoo aanaa sanaa ta’eefi namoota mata-duree kanarratti qoraannoo gaggeessuu barbaadaniif akka ka’umsaatti tajaajiluu danda’a.Qorannoo kana gaggeessuuf malli qorannoo akkamtaa, akkasumas, tooftaa iddatteessu akkaytoofi darbaa dabarsaa walduraa duubaan aanaa qorannichi keessatti gaggeeffamuufi jaarsolii odeeffannoon irraa funaanamu filachuuf hojiirra oolaniiru. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamanis afgaaffii, maree garee xiyyeeffannoo, daawwannaafi sakatta’a dokumentii gargaaramuunidha. Ragaaleen walitti qabaman kunis, mala ibsaan qaaccrramaniiru. Argannoon isaas, jaarsummaan waldhabdee hiikuu adeemsota shan keessa darbu. Isaanis kadhata jaarsolii, geeffata, waadaa galchuu, marii jaarsoliifi murtoo isaanii kanneen waldhabaniitti beeksisuufi fudhachiisuudha. Sababoonni waldhabdee aanicha keessatti deddeebi’anii mul’atanis, hedduu ta’anillee, isaan gurguddoon lafa, gaa’ila, arrabsoofi reebicha kan walqabataniidha.Yeroo ammaa kana jaarsummaatiin waldhabdee hiikuun sababa namootni waldhaban waan hundumaa qabatanii himannaaf gara mana murtiitti geessanii, namootni tokko tokko immoo aangoofi qabeenyaan karaa sobaa haqa waan argachuu barbaadaniifi kkf laafaa dhufuu isaati. Meeshaaleen akka aanichaatti waldhabdee hiikuu keessatti dhugaa baasuuf tajaajilan alangaa roobbii fiixee citaa, lafee, muka boqqalloofi dhagaa gurracha yommuu ta’an, isaanis akka sobaan haqni hinjallanne kaksiisuuf oolu. Faayidaaleen jaarsummaan waldhabdee hiikuus jireenya hawaasummaa deebisee ijaaruu, yeroofi baasii falmiif oolu hanbisuun dinagdeen akka guddatu gochuufi dhiibbaa qaama kamiiyyuu irraa bilisa ta’uun kan loogii hinqabne ta’uu isaati. Dhuma irrattis, argannoowwan qorannichaan ifa ta’an irratti hundaa’uun qorattuun yaada furmaataa keesse, waajjirri aadaafi tuurizimii, dhaabbileen barnootaafi dhaabbileen miti mootummaa (NGO) adda addaa cimsanii irratti hojjetanii otoo dhaloota haaraa kanatti beeksisanii gaariidha kan jedhi isa ijoodha.</dc:description> <dc:identifier>https://zenodo.org/record/15724</dc:identifier> <dc:identifier>10.20372/nadre:15724</dc:identifier> <dc:identifier>oai:zenodo.org:15724</dc:identifier> <dc:relation>doi:10.20372/nadre:15723</dc:relation> <dc:relation>url:https://nadre.ethernet.edu.et/communities/20-25</dc:relation> <dc:rights>info:eu-repo/semantics/openAccess</dc:rights> <dc:rights>http://www.opendefinition.org/licenses/odc-by</dc:rights> <dc:title>XIINXALA JAARSUMMAADHAAN WALDHABDEE HIIKUU GODINA WALLAGGAA BAHAA LEEQAA DULACHAAA IRRATTiI KAN XIYYEEFFATE</dc:title> <dc:type>info:eu-repo/semantics/doctoralThesis</dc:type> <dc:type>publication-thesis</dc:type> </oai_dc:dc>
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 | 
| Downloads | 0 | 0 | 
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes | 
| Unique views | 0 | 0 | 
| Unique downloads | 0 | 0 |