Thesis Open Access

XIINXALA GA'EE GADAAN DHALOOTA GA'OOMSUU KEESSATTI QABU: GADAA HORRO BULLUQ GAMA DINAGDEEFI HAWAASUMMAA XIYYEEFFACHUUN

FAAXUMAA AHIMED GONDE


JSON-LD (schema.org) Export

{
  "description": "<p>: SANYII OLII (MA)</p>\n\n<p>Qorannoon kun kan geggeeffame mata duree, xiinxala ga&rsquo;ee Gadaan Horro Bulluq dhaloota ga&rsquo;oomsuu keessatti qabu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon Gooroo qorannichaa immoo; Akkaataa Gadaan Horroo bulluq Dhaloota Ga&rsquo;oomsu xiinxaluu kan jedhudha. Malleen qorannichaas duraa duubaan qindaa&rsquo;uudhaan dhiyaataniiru. Saxaxni qorannichaas addeeffameera. Madda ragaa qorannichaa qorannoo kana keessatti hojiirra oole madda raga 1ffaadha. Isaanis Maanguddoota, Abbootii Gadaa, haadha siqqee, miseensota Gadaa Horro Bulluqidha. Iddattoon qorannoo kanaa nama 28dha. Malli iddatteessuu miti-carraa qorannoo kana keessatti hojiirra ooleera. Isaan keessaas mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatti dhimma baheera. Meeshaalee Funaansa ragaalee af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannoodha. Gosoota afgaaffii keessaas afgaaffii banaa dhimma bahame. Mala akkayyoo gargaaramuun namoota 10 irraa ragaa barbaachisu fudhadheera. Raghimoota kanaaf gaaffii barbaachisoo ta&rsquo;an gaafachuudhaan hanga beekan yaada akka naaf qoodan taasisera. Marii gareetiin namoota kudha lama dhiira saddeetiifi dubartoota afur namoota gadaa gaggeessaniifi gaggeessuu keessatti hirmaannaa qaban mariin garee taasifameera. Namoota kanas bakka lamatti qooduudhaan, ja&rsquo;a ja&rsquo;aan (6) ofii koo gaaffiilee banaa ta&rsquo;anii qindeessuun gidduu isaaniitti argamuudhaan sa&rsquo;aatii tokkoof walakkaa (1:30) irratti mari&rsquo;achuun ragaa barbaachisu walitti qabachuudhaan ragaan argaman xiinxalamuun dhiyaataniiru. Argannoowwan qorannichaas, Akkaataa itti Gadaan Oromoo Godina Horroo Bulluq dinagdee hawaasaa Guddisu: dhaloonni qabeenyaan akka of danda&rsquo;u taasisuu, Qabeenyaan of danda&rsquo;uu irratti hirmaannaa dhalootaa dadammaksuu, Sirni Gadaa karaa ittiin dhaloonni qabeenyaa argatan qajeelchuu isaa addeessuu, Gadaan Oromoo Godina Horroo Bulluq dinagdee hawaasaa akka guddisu qorannoo kanaan irra gahameera. Gadaan Oromoo Godina Horroo Bulluq misooma keessatti; Hawaasni galii argatuufi akkaataa itti misoomee jireenya isaa gaggeeffatee jiraatu gochuun ga&rsquo;ee Gadaa isa jalqabaa ta&rsquo;uu kan mirkaneessudha.Misooma biyyaa guddisuu, dinagdee hawaasaaf haala mijeessuufi qajeelchuun Gadaan Oromoo Godina Horroo Bulluq dhalootaaf haala mijataa uumaa jiraachuun isaa qorannoo kanaan irra gahameera. Gadaan Oromoo Godina Horroo Bulluq dhimmoota hawaasummaa keessatti dhaloota ga&rsquo;oomsuun:-Nagaafi Tasgabbiitiin akka jiraatan taasisa, Waldhabdee ni hiika, dubartoonni Dinagdee isaanii akka guddifatan qorannoo kanaan irra gahameera. Gadaa Oromoo Godina Horroo Bulluq keessatti dhaloonni ogummaa akka gonfatan kan taasisan Abbootiin Gadaa, Gumiin Gadaafi Haati siiqqee ga&rsquo;ee guddaa kan bahatan ta&rsquo;uun qorannoo kanaan irra gahameera.</p>", 
  "license": "http://www.opendefinition.org/licenses/odc-by", 
  "creator": [
    {
      "@type": "Person", 
      "name": "FAAXUMAA AHIMED GONDE"
    }
  ], 
  "headline": "XIINXALA GA'EE GADAAN   DHALOOTA GA'OOMSUU  KEESSATTI QABU: GADAA HORRO BULLUQ GAMA  DINAGDEEFI HAWAASUMMAA XIYYEEFFACHUUN", 
  "image": "https://zenodo.org/static/img/logos/zenodo-gradient-round.svg", 
  "datePublished": "2025-08-13", 
  "url": "https://nadre.ethernet.edu.et/record/15562", 
  "@context": "https://schema.org/", 
  "identifier": "https://doi.org/10.20372/nadre:15562", 
  "@id": "https://doi.org/10.20372/nadre:15562", 
  "@type": "ScholarlyArticle", 
  "name": "XIINXALA GA'EE GADAAN   DHALOOTA GA'OOMSUU  KEESSATTI QABU: GADAA HORRO BULLUQ GAMA  DINAGDEEFI HAWAASUMMAA XIYYEEFFACHUUN"
}
0
0
views
downloads
All versions This version
Views 00
Downloads 00
Data volume 0 Bytes0 Bytes
Unique views 00
Unique downloads 00

Share

Cite as