Thesis Open Access
WAANNAATOTTOOBAAYAADATAA
{
"DOI": "10.20372/nadre:15368",
"author": [
{
"family": "WAANNAATOTTOOBAAYAADATAA"
}
],
"issued": {
"date-parts": [
[
2019,
10,
25
]
]
},
"abstract": "<p>:NUGUSAAABARRAA(KAADH.PHD)</p>\n\n<p>:DARAARTUUABARRAA(MA)</p>\n\n<p>Qorannoon kun sakatta’a qabiyyee afoola Oromoo kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa gahee inni afaan barsiisuuf qabu irratti kan xiyyeeffateedha .Ka’umsi isaas hojii kalaqa sammuu uummataa kan ta’e afoolli afaan barsiisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu isaafi mata duree afoola ta’an irratti hirmanna barattootni qaban cimaa ta’uu isaati. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi hammamtaarraa kan ijaarameedha.Qorannoo kana keessatti barattoonni 20 mala iddatteessuu kaayyeeffannaan ragaa akka laatan taasifamee jira. Barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan 5 qofaa waan ta’aniif hundisaanii ragaa akka kennan taasifameera. Akkasumas,qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee hojiirra oolan sadiidha. Isaanis ,sakata’iinsa kitaabaa haala odeeffannoo quubsaa ta’e adda baasuu danda’uun mata dureefi gilgaalota kitaabichaa keessatti hammataman afoola ta’uufi dhiisuu lakkoobsaafi dhiibbantaan addaan baasuun, bar-gaaffii kudha tokko akkaataa odeeffannoo adda addaa bifa quubsaa ta’een kennuu danda’uun barattoota digamaaf dhiheessuun,af-gaaffii qabiyyee adda adda qaban kudha lama barsiisota, dhimmicha irratti hubannoo gad fagoo qaban shaniif dhihaateen. Meeshaalee kana fayyadamuudhaanis ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanaman kunneenis, mala qaacceessa ragaalee lokkoofsaafi jechaatiin qaacceeffamanii dhihataanii jiru.Argannoon qoraannoo kanaa akka mul’isutti afoolli akka qabiyyee afaan tokkootti dhihaachuunis ta’e akka maddaatti afaan barsiisuu keessatti faayidaa guddaa qabaatee osoo jiruu, kitaabicha keessatti kan hammataman xiqqaachuufi kan hammataman iyyuu qabiyyee adda addaa kan hin hammanneefi haala dandeettiiwwan afaanii barsiisuuf mijatanitti kan hinqophoofne ta’uun isaa qoraannoo kanaan adda bahee jira. Ragaalee dhiheessuu, qaacceessuufi hiikuu ilaalchisee ibsa ragaa kitaabichaatiin, boqonnaa 24 kitaabichi qabu keessaa 20(83.33%)miti afoola yammuu ta'an 4(16.67%)immoo afoola ta'uu yammuu agarsiisu sadarkaa gilgaala kitaabichaatti ammoo gilgaalota 173 keessaa149(86.13%)mit afoola yammuu ta'an 24(13.87%)qofatu afoola qabatee jira. kanaafuu qabiyyeen afoola kitaabichaa faayidaa afoolli barnootaa afaanii keessatti kennuun yammuu ilaalamu baayyee yaraa ta'uun isaa addeeffamee jira. Akkasumas, afoolawwan kitaabicha keessa jiraachuun isaanii mirka'naa'es ulaagaalee afoolli ittiin sakatta'amuun ilaalamee hanqina qabaachuun isaa ifeera. Qaacceessa bar-gaaffii barattootaafi af-gaaffii barsiisotaan kan wal qabatu gaaffiilee banaafi cufaan yeroo garaagaraatti dhihaate irracaalaan isaa yaada walfakkaataa yammuu ta'u, innis kitaabni barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa yeroo ammaa hojiirra jiru gama qabiyyee afoolaan faayidaa afoolaa waliin yammuu wal bira qabamu hamma barbaadamuun gadi ta'uu isaa deebii kennaniin mirkaneessanii jiru. kanumarraa ka'uun argannoofi yaadni furmaaraa akka armaan gadiitti kaa'ameera. Qabiyyeewwan dhihaatan geerarsi, mammaaksi,oduun durii, hibboon ,jechamniifi weedduun jaalalaa gabaabbatanii dhihaachuun, barattoonni qabiyyee dhihaateef haalaan akka hin shaakalle godhee jira.Qabiyyeewwan afoolaa dhihaatan darbee darbee raawwatamummaa dhabuun, bakka muraasatti ammoo rakkoo koorniyaa walqixxeetti hirmaachisuu dhiisuu,dandeettiiwwan afaanii qixxeetti hirmaachiisuu hafuun, qajeelfama ifa ta’e dhabuun rakkoo kitaabnii kun qabu isaan gurguddoo ta’ee argameera. Kana malees,afoolawwan kanneen akkka faaruu loonii,faaruu daa’immanii, baacoo, eebbaafi abaarsa,weedduu ateeteefi kan kana fakkaatan kitaaba qoraannoon kun irratti geggeeffame keessatti dhihaachuu hafuun qaphiin kitaabichaa rakkoo guddaa qabaachuu isaa mul’isudhaan yaadni furmaataas kaa’ameera.</p>",
"title": "SAKATTA'AQABIYYEEAFOOLAOROMOOKITAABABARNOOTA AFAANOROMOOKUTAA8FFAAAFAANBARSIISUURRATTI",
"type": "thesis",
"id": "15368"
}
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 |
| Downloads | 0 | 0 |
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
| Unique views | 0 | 0 |
| Unique downloads | 0 | 0 |