Journal article Open Access
BALAAYNESH TOLASAA
{
"DOI": "10.20372/nadre:14761",
"author": [
{
"family": "BALAAYNESH TOLASAA"
}
],
"issued": {
"date-parts": [
[
2025,
7,
30
]
]
},
"abstract": "<p>GORSAA: FILEE JAALLATAA (PhD)</p>\n\n<p>Axareeraa Qorannoon kun mataduree “Qaaccessa Qabiyyee Makmaaksota Seenaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo” jedhurratti kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannichaa inni guddaan makmaaksota seenaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallagga Aanaa Horroo qaaccessuun qaawwa jiru cufuudha.Ka\"umsi qorannoo kanaas,Makmaaksota seenaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo qabiyyee akkamii akkaqabu; Makmakisoota seenaa oromoo godina horroo faayidaa maalii akka qabuufi yoom akka makmaakamurratti qorannoo gaggeessuun qaawwa jiru cufuun dhaloota boruuf ol kaa\"uurratti qaawwi guddaan jira.Qorannoowwan kanaan dura gaggeeffamanii jiran keessatti qaawwa mula\"atan kanneen ka\"umsa godhachuun Makmaaksota seenaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo qaaccessuun qaawwa mul\"atan kanneen cufuuf qorannoon kun gaggeeffameera. Qorannoo kana karaa milkaa\"ina qabuun xummuruuf barruulee adda addaa dhimma makmaaksota seenaa Oromoo irratti jiran sakatta\"uun galtee godhadheera. Gosni qorannoo ani itti fayyadamee qorannoo kana gaggeesse qorannoo akkamtaadha. Malli qorannoo anai dhimma itti bahe mala miti lakkoofsaati (non-statistical method)dha. Mala iddatteessuu ani qorannoo kanaaf itti fayyadame mala iddatteessuu mitti carraa yoo ta\"u, gosa iddatteessuu kanneen keessaa kan dhimma itti bahame mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaadabarsaadha. Ragaalee funaanuuf meeshaaleen funaansa ragaa ani itti fayyadame immoo af-gaaffii, marii gareefi sakatta\"insa dookumeentiidha. Ragaaleen funaanaman akkataataa walitti dhufeenya isaaniitiin bakka adda addaatti qoodamuun gaaffilee bu\"uuraa qorannichaa irratti hundaa\"uun dhiyaatanii hiikamuun qaacceffamaniiru. Bu\"aan ragaalee qaacceffamaniis cuunfaa argannoo qorannichaa keessatti eeramaniiru. Argannoon qorannichaas makmaaksonni seenaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo qabiyyeewwan seenaa goototaa, bara beelaa, bara quufaa qabaachuun isaa; makmaaksonni seenaa Oromoo yeroofi bakkaan kan hindaangeffamne ta'uu isaafi makmaaksonni seenaa Oromoo dubbii eegaluuf, gorsa kennuufi dubbii goolabuuf kan fayyadu ta'uu isaa adda baaseera. Argannoowwan kanneen irratti hundaa\"uun goolabni qorannichaa taa\"eera. Dhuma irratti qaama dhimmi isaa ilaallatuuf kallattiin furmaataa taa\"eera.</p>",
"title": "QAACCESSA QABIYYEE MAKMAAKSOTA SEENAA OROMOO: GODINA HORROO GUDURUU WALLAGGAA AANAA HORROO",
"type": "article-journal",
"id": "14761"
}
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 |
| Downloads | 0 | 0 |
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
| Unique views | 0 | 0 |
| Unique downloads | 0 | 0 |