Journal article Open Access
GERMOOSAA CAALII
{
"description": "<p>GORSAAN: MARGAA GAMMADAA (PHD)</p>\n\n<p>Axareeraa Kaayyoon qorannoo kanaa, rakkoo dandeettii dubbisuu barattoota Afaan Oromoo kutaa kurnaffaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biiftuu Giddaa sakatta’uudha.Qorannichi qorannoo ibsaa ta’ee, tooftaa lee qaaccessa ragaa akkamtaafi hammataatiin qaacceffame.Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha.Maddi ragaa tokkoffaan barsiisota Afaan Oromoo kutaa kurnaffaa, barattoota Afaan Oromoofi koree GMB mana barumsichaati.Maddi ragaa lammaffaan immoo kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa kurnaffaadha.Bu’uuruma kanaan, ragaan qorannichaa barsiisotaaf, barattoota afi koree GMB mana barumsichaa irraa funaanameera. Akkasumas, Ragaalee barsiisotaafi barattoota irraa argaman dhugummaa isaanii adda baasuun dhugoomsuuf daawwannaan daree taasifameera.Ragaan daawwannaadhaan argames, ragaa barsiisota, koree GMBfi barattoota irraa argame adda baaseera. Maddi ragaa qorannoo kanaa tooftaa iddatteessuu mit-carraa akkayyootiin filataman.Tooftaaleen funaansa ragaa qorannichaas, daawwannaa daree, afgaaffii barsiisotaafi koree GMB, bargaaffii barattootaafi sakatta’a dookimentiiti. Qorataan qorannichaa ragaa odkennitootaa irratti hundaa’ee argannoo qorannichaa adda baaseera. Argannoon qorannicha akka mul’isetti, tooftaalee barsiisonni ittiin dubbisuu barsiisan sadarkaa barbaadameen milkaa’ina argamsiisuuf hanqina qaba; rakkoo Afaan Oromoo dubbisanii hubachuu barattootaa: karoora dhabuu, haala mijaawaa dhabuu, muuxannoo dubbisuu guddifachuufi gahumsa dubbisuu dhabuu, qajeelfama dubbisuu wallaaluu, deggersa dhabuu, fayyadama qubeelee, sagaleeleefi jechoota Afaan Oromoo wallaaluufi kkf. Madda rakkoo dubbisanii hubachuu barattootaa: dubbisa sadarkaa barattiinni irra jiraniin walmadaalu dhabuu, qabiyyeen dubbisaaf dhihaate sadarkaa barbaadamerra jiraachuu dhiisuu, walduraaduuba dhufiinsi dubbisa kennamuu sadarkaa isaa eeggachuu dhabuu, hanqina dubbistootaafi hanqina barsiisaa fa’i. Hanga dubbisanii hubachuu barattoota Afaan Oromoo ilaalchisee: barattoonni dubbisa dhihaate haala gaariidhaan hinhubatan. Qabiyyeen dubbifamuuf deemu maal akka ta’e tilmaamaanii hubachuu danda’uun barattootaa rakkoo qaban.Qabiyyeen barattootaaf dhihaate tarsiimoo dubbisuu garaagaraa hammatee jiraatus, akkaataan inni ittiin barsiifamu hanqina qaba. Argannoo eerame irratti hundaa’uun yaboon qorannichaa akka eerametti: Barsiisonni tooftaa ittiin dandeettii dubbisuu barsiisan yeroo yerootti utuu jijijjiiranii barsiisanii barbaachisaa ture. Rakkoo dubbisanii hubachuu barattootaa furuudhaaf barsiisonni utuu malootaafi tarsiimoo garaagaraatti fayyadamanii gaariidha. Dubbisni kennamu utuu qulqullina qabaatee, sadarkaa isaa eeggatee filatamaa ta’a. Hangi dubbisanii hubachuu barattootaa utuu yeroo yerootti sakatta’amee hanqinni jiru furamaa deemee barbaachisaadha. Supperviijinii keessaa sadarkaa muummeefi mana barumsaatti haala harcaatii qabuun geggeeffamaa ture bifa bu’a qabeessa ta’een geggeessuun gaariidha. Madda rakkoo Afaan Oromoo dubbisanii hubachuu barattootaa ta’an maqsuuf barattoota, barsiisota, suppervaayizeroota keessoo mana barumsaafi suppervaayizera barnootaa sadarkaa barnoota aanaatti jiran hirmaachisuun gaariidha.</p>",
"license": "http://www.opendefinition.org/licenses/odc-by",
"creator": [
{
"@type": "Person",
"name": "GERMOOSAA CAALII"
}
],
"headline": "RAKKOO DANDEETTII DUBBISUU BARATTOOTA AFAAN OROMOO: MANA BARUMSAA BIIFTUU GIDDAA SADARKAA LAMMAFFAA KUTAA KURNAFFAA",
"image": "https://zenodo.org/static/img/logos/zenodo-gradient-round.svg",
"datePublished": "2025-07-30",
"url": "https://nadre.ethernet.edu.et/record/14722",
"@context": "https://schema.org/",
"identifier": "https://doi.org/10.20372/nadre:14722",
"@id": "https://doi.org/10.20372/nadre:14722",
"@type": "ScholarlyArticle",
"name": "RAKKOO DANDEETTII DUBBISUU BARATTOOTA AFAAN OROMOO: MANA BARUMSAA BIIFTUU GIDDAA SADARKAA LAMMAFFAA KUTAA KURNAFFAA"
}
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 |
| Downloads | 0 | 0 |
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
| Unique views | 0 | 0 |
| Unique downloads | 0 | 0 |