Journal article Open Access
ETEENESH ADDUNYAA ABDIITIIN
{ "DOI": "10.20372/nadre:14708", "author": [ { "family": "ETEENESH ADDUNYAA ABDIITIIN" } ], "issued": { "date-parts": [ [ 2025, 7, 30 ] ] }, "abstract": "<p>GORSAA ALAMAAYYOO TAAFFASAA (MA)</p>\n\n<p>AXEREERAA Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, dogoggora dubbisuu barattoota Afaan Oromoo baratan kan Mana Barumsaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa qorachuudha. Dogoggora dubbisuu barattootaa kana qorachuufi, odeeffannoo barbaachisu funaannachuudhaaf, mala makaatti dhimma bahamee jira.Mala iddatteessuu carraatiin, barattoonni kutaa 10ffaa 56, filatamanii jiru. Odeeffannoon meeshaalee funaansa ragaa, bargaaffii, daawwannaa, afgaaffiifi dubbisa odkennitoota irraa walitti qabamee, akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin qindaa\"anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin qaacceffamaniiru.Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahamanis: Barattoonni barreeffama Afaan Oromoo tokko dubbisuu irratti hanqina akka qaban, barreeffama kennameef fedhiidhaan ka'anii dubbisuu irratti hanqinni barattootarratti mul\"teera, barsiisonnis warren Afaan Oromoo barsiisan, dogoggora dubbisuu barnoota Afaan Oromoo barattoonni qaban hirrisuu irratti sadarkaa gadii irraa kaasee hanqina akka qaban odeeffannoo qaacceffamerraa hubatameera. Akkasumas, dogoggora barattoonni barnoota Afaan Oromoo dubbisuu irratti isaan mudateef malli barsiisaan fayyadamee barsiisuufi Afaan Oromoo irra caala barattoonni daree barnootaa keessatti qofa waan fayyadamaniif Afaan Amaaraa dareen alatti haasa\"uun rakkoo kanaaf Afaan Amaariffaa gahee guddaa qaba. Dhumarrattis, Barattoonni barreeffama barnoota Afaan Oromoo sirriitti dubbisuu shaakaluun, barattoonni barreeffama kenname tokko fedhiidhaan ka'anii dubbisuu shaakalalsiisanii gaarii ta\"a, barsiisaan dubbisa dabalataa kennuun shaakalsiisuuakka qabuufi mala baruu barsiisuu hirmaachisaa fayyadamee haala barattoonni irra jiran waliin walqabsiisuun dubbisa shaakalchiisuun gaarii ta\"uusaa, maatiin barattootaa, barsiisaan, uummanni Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatan ijoolleen isaanii mana barnootan alattis Afaan Oromoo dubbachuufi dubbisuu shaakalsiisuun yookiin jajjabeessuun gaarii akka ta\"e yaada furmaataatti kennamee qorannoon kun goolabamee jira.</p>", "title": "XIINXALA DOGOGGORA BARATTOONNI AFAAN OROMOO DUBBISUU IRRATTI QABAN: MAGAALA FINFINNEE MANA BARUMSAA JENERAAL TAADDASAA BIRRUU KUTAA 10FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE.", "type": "article-journal", "id": "14708" }
All versions | This version | |
---|---|---|
Views | 0 | 0 |
Downloads | 0 | 0 |
Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
Unique views | 0 | 0 |
Unique downloads | 0 | 0 |