Thesis Open Access

QAACCESSA MAMMAAKSA OROMOO DIINGDEE AGARSIISAN, HAALA GODINA BAALEE AANAA SINAANAA XIYYEEFFACHUUN

URGAA MABRAATEE

Thesis supervisor(s)

TAAKKALAA BIRHAANUU (PHD)

Qorannoon kun mammaaksota Oromoo dhimma diinagdee irratti xiyyeeffatan, haala Godina Baalee aanaa Sinaanaa qaacceessee dhiheesseera. Mammaaksonni kunneen qorattoota birootiin bal’inaan qoratamuu dhabuu isaaniifi mammaaksoota kenniin qaacceessuun bifa barreeffamaatiin dhaloota haaraaf kaa’uun qorannoo kanaaf ka’umsa ta’eera. Maddi odeeffannoo qorannichaatis maanguddoota aanaa Sinaanaa odeeffannoo laataniifi dookumantoota mammaaksotaa bifa barreeffamaatiin jiraniifi kitaabilee garagaraa yoo ta’an, odeefkennitoota qorannoo kanaa murteessuuf qorattuun mala iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu akkayoofi mala iddatteessuu eerumsaatti dhimma bahuun filattee jirti. Kanumaan walqabatee qorattuun odeeffannoo afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo taasisun odeeffannoo maanguddootaafi ogeessota waajjira aadaafi Tuuriiizimii irraa odeeffannoo kan funaante yoo ta’uu odeefkennitoonni marii garee irratti hirmaatan 14 (Kudha afur) maanguddoota dhiraa 10 (kudhanii)fi maanguddoota dubartii/haadhoolii 4 (afur) mala darbaa dabarsaatiin (eerumsaan) erga filatte booda, tuuta marii garee lama namoota torba torba ofkeessaa qabu wajjin marii garee taasisuudhaan odeeffannoo funnannatee jirti. Dabalataan ogeessota waajjira Aadaafi Turiizimii aanaa Sinaanaa jaha dhiira 3(sadii)fi dubartii 3(sadii) mala iddateessuu kaayyeeffata faayyadamuun filattee odeeffnnoo afgaaffiifi marii garee xiyyeeffanoon funaantee jirti. Odeeffannoon funaanamees mala qaacceessa raga akkamtaatti fayyadamuun ibsaan qaacceffameera. Mammaaksoonni dhimma diinagdee irratti xiyyeeffachuun mammaakaman diinagdee cimsuuf, absaalummaan akka barbaachisu, qusannoon murteessaa akka ta’e, ifaajuun dhiinagdee horachuuf dirqama akka ta’e, diinagdee horachuun ykn qabachuun kabaja akka qabu, akkasumas namni diinagdee horachuuf abdii akka hin kutanne agarsiisuuf kan mammaakamu akka ta’eefi qisaasama diinagdeen walqabatee, rakkoo hanqinni diinagdee fidu, diinagdee qisaasu balaaleeffachuuf, walaalummaa diinagdee horachuun rakkoo fidu, namani diinagdee hin qabneefi argatee dhabe, diingdee horachuuf abdii gara fuulduraa qabu agarsiisuuf mammaaksoonni akka tajaajilan qaaccessa qorrannoo kana keessatti adda baheera. Dhumarratti qaamni dhimmi ilaalatu hundi (beektoonni, qorattoonni, mootummaa akkasumas Waajjirri Aadaafi Turiizimii aanaa sinaanaa xiyyeeffannoo kennee mammaksootaa Oromoo dhimma diinagdee irratti mammakaman walitti qabuun bifa barreeffamaan kaa’uufi hawaasa biraatti ittifayydamni isaanii akka dablu akka taasisan qorattuudhaan yaboon kennamee qorannichi goolabameera.2

Files (1.4 MB)
Name Size
Mebrate Urgaa Thesis Xum.pdf
md5:61c964ad31b2aff47687012709fc03fb
1.4 MB Download
0
0
views
downloads
All versions This version
Views 00
Downloads 00
Data volume 0 Bytes0 Bytes
Unique views 00
Unique downloads 00

Share

Cite as