Thesis Open Access
AHMAD ABDOO MANDARIINAA
{
"DOI": "10.20372/nadre:11248",
"author": [
{
"family": "AHMAD ABDOO MANDARIINAA"
}
],
"issued": {
"date-parts": [
[
2024,
9,
18
]
]
},
"abstract": "<p>Kaayyoon qorannoo kanaa afwalaloo yeroo hojii qonnaa sangoolee faarsuufi namoota hojiif kakaasuu haala godina Baalee Aanaa Sinaanaa jiru xiinxaluudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf mala akkamtaatti dhimma kan bahame yoo ta’u, tooftaalee iddatteessu carraa alaatiin (tooftaa akkaayyootin) iddattoowwan fudhatamanii jiru. Haaluma kanaan, aanicha keessaai gandoota filatamanirraa namoonni afwalaloo yeroo hojii qonnaa sangoolee faarsuufi namoota hojiif kaasuf dhimmi itti bahamu irratti muuxanoofi beekumsa gaha qaban jedhaman 10 afgaaffiidhaaf 12 immoo marii gareetif filatamanii jiru. Hirmaatota filatamanirraa meshaalee funaansa ragaalee, daawwannaa, mariigareefi afgaaffiidhaan odeeffannoon walitti qabamee jira. Odeeffannoo funaaname kanas ergaan isaa mala akamtaatin ragaaleen kallattii adda addaatin argaman wal bira qabuudhan xiinxalamee jira. Raga xiinxalamerraa hubachuun akkuma danda’ametti hawaasa Oromoo Aanaa Sinaanaa biratti gosootni afwalaloo yeroo qonnaa sangoolee faarsuufi namoota hojiif kakasuf oolan yeroo hojiin qonnaa gaggeeffamu keessa’uu yeroo namoonni gamtaadhan hojii qonnaa irratti boba’an sangoolee ittiin qottan sangoolee faarsuuf yookin namoota hojii qonnaa irratti hirmaatan hojiif kakaasuf dhimmi itti bahama. Kana malees, haala dhiyaannaa isaaniitiin hawaasicha biratti afwalaloon yeroo hojiin qonnaa gaggeeffamu bakka hojii qonnaa namoonni gamtaadhan yookin daboodhan hojjetanitti kan dhiyaatanidha. Dabalataanis, akkuma aragannoon qorannichaa agarsiisutti yeroo hojii qonnaa namoonni sangoolee isaanii faarsun alatti ergaa adda addaa dafarfachuuf afwalalootti fayyadamu. Isaanis, hojiif walkakaasuu, walonnachiisuufi hojicha irratti wal qeequu ta’uu bira gahamee jira. Waan kana ta’eef Waajjiri Aadaafi Turiiziimii afwalaloowwan yeroo qonnaa hawaasni dhimma itti bahu kaniin walitti qabuufi qorannoon akka deeggaramu gochuun dhaloota haaraaf akka darbu gochuun barbaachisaa ta’a. Kunis afwalaloowwan akkanaa kuniin osoo hindagatamin dhaalootaa dhalootatti akka darban gochuu keessatti toora olaanaa waan qabuufi. Kana malees, qorannoowwan biroo dhimma afwalaloo yeroo qonnaa namoonni sangoolee faarsuufi namoota hojiif kakaasuf itti fayyadaman kaniin irratti gadi faggeenyan gaggeefamuun ni barbaachisa.<br>\n3</p>",
"title": "QACCEESSA AFWALALOO YEROO QONNAA SANGOOLEE FAARSUUFI NAMOOTA HOJIIF KAKAASUU: HAALA GODINA BAALEE AANAA SINAANAA",
"type": "thesis",
"id": "11248"
}
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 |
| Downloads | 0 | 0 |
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
| Unique views | 0 | 0 |
| Unique downloads | 0 | 0 |