Thesis Open Access
Qorataan: Waaqgaarii Tasfaayee
Kaayyoon qorannoo kanaa ga"ee geerarsi ijaarsa eenyummaa Oromoo keessatti qabu xiinxaluudha. Kunis geerarsi haala kamiin eenyummaa ijaaruu akka danda"u, yoomessa geerarsi keessatti geeraramu, gosoota eenyummaa geerarsaan ijaaramuu danda"aniifi qabiyyee geerarsi eenyummaa ijaaru of-keessaa qabu irratti xiyyeeffata. Oromoon akka gosaa, balbalaa, naannoo, biyyoolessaa, waan jireenyaan fakkaatuufi ta"uu barbaadu irratti hundaa"ee eenyummaa isaa ijaarrata. Qorannoon kun gosoota paaradaayimii jiran keessaa paradaayimii ijaarsaa/hiikaa kan hordofe ta"ee, saxaxa qorannoo sanyaabsaafi mala xiinxala ragaalee akkamtaan kan geggeeffamedha. Maddi ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Ragaaleen qorannichaa Oromoo Maccaa keessaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaafi Waayyuu Tuqaa, Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Gachiifi Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii irraa funaaname. Raghimtoonni qorannichaa jiraattota aanalee kana keessaa warreen geerarsa irratti beekumsa qaban maanguddootaafi dargaggoota mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaan iddatteeffamanidha. Malleen ragaaleen ittiin funaanamanis daawwannaa, marii garee, afgaaffiifi sakatta"a dookumantiiti. Ragaleen qorannoo kana keessatti xiinxalaman mala galmeessa ragaalee garaagaraa kanneen akka yaadannoo dirree qabachuu, suuraa kaasuu, sagaleefi suursagalee waraabuun funaanaman. Geerarsoonni kunneenis yaaxxinnoota Tajaajilaa, Galumsaa, ijaarsa haala hawaasummaafi fakkoommiitiin xiinxalamanii jiru. Geerarsa keessatti namni tokko waa"ee ofii isaa amala qabu, haala jireenya dhuunfaa isaa, waan dinagdeen fakkaatu, sadarkaa hawaasa keessatti qabu, waan ittiin addatti beekamuufi beekamuu barbaadu, fedha hojiif qabuufi isaan immoo maal akka argate ibsata. Kana malees, Oromoon akka caasaa hawaasummaa isaatti warra jalqabaa balbala, qaccee, warreen, kan lammaffaa aantee, kan itti aanu qomoo, kan biraan saba yoo jedhu kan dhumaa lammii uummataa jedha. Akka qorannoo kanaatti lammiin uummataa kan jedhuun ala kanneen jiran akka eenyummaa gareetti xiinxalamani. Itti dabalees, geerarsaan akkaataa qubsumaa fakkeenyaaf, aanaa, godina, hidda latiinsaafi akkaataa walitti dhiyeenya bakka jireenyaatiin walfaarsuu, waliin dhaadachuufi waljajuun nijira. Eenyummaan gareefi eenyummaan dhuunfaa kunimmoo wal ijaaranii gara eenyummaa waloo (Oromummaatti) uummata geessu. Kana jechuun, yeroo eenyummaan dhuunfaafi garee ibsamu eenyummaan waloos walumaan jira. Adeemsa geerarsaa keessatti haalli ittiin dhimmoonni adda addaa dhiyaatan xiqqaa irraa gara guddaatti adeema. Of faarsuu, abbaa, haadha, balbala, caccee, qomoo, saba jedheetu gara uummataatti darba. Kunis, namni tokko waanuma naannoo isaa jirurraa eegaleetu gara waan waliigalaatti darba. Waanti waliigalaan Oromoon qabummoo Oromummaadha. Oromummaan immoo waan shaniin mul"ata: aadaa, seenaa, afaan, duudhaafi Ogumadha. Oromoon geerarsaan eenyummaa kallattii dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan barbaadus dhaloota boodaan dhufu keessatti ijaara.
| Name | Size | |
|---|---|---|
|
Wakgari Final Research Edt.pdf
md5:5b63360317de2cd8ce3bfb2a0997ce85 |
6.0 MB | Download |
| All versions | This version | |
|---|---|---|
| Views | 0 | 0 |
| Downloads | 0 | 0 |
| Data volume | 0 Bytes | 0 Bytes |
| Unique views | 0 | 0 |
| Unique downloads | 0 | 0 |